Baankin Addunyaa Walii Galtee Liqii Birrii Biiliyoona 2.7 Itiyoophiyaaf Mallatteesse

Baankin Addunyaa kunuunsa qabeenya umaamaa, Misooma humna namaa fi Guddina teeknooloojiif walii galtee liqii Birrii biiliyoona 2.7 Itiyoophiyaaf mallatteesse.

Walii galtee kana kan   mallatteessan Ministira Maallaqaa obbo Ahmad Shidee fi Itiyoophiyaatti daayreektara baankii Addunyaa Kaarolin Tark.

Obbo Ahmad Shideen liqaan argame kun kunuunsa qabeenya umaamaa naannolee garaa garaatti hojjetamaa jiruuf murteessa ta’u himaaniru.

Liqaan kun naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigraay, Saboota Sablammoota fi uummatoota Kibba, Beenishaangul Gumuz fi Gambeellatti abbaa warraa kuma 600 fi kuma 45 ol fayyadamaa taasisa jedhameera.

Daayreektarri Baankin Addunyaa faalama qilleensaa ittisuuf hojii Itiyoophiyaan kunuunsa qabeenya umaamaarraatti  hojjetaa jirtu  ni deegarra jedhan.

Facebook Comments

leave a reply