Dooktar Abiy Ahmad giddu gala Meedikaalaa Yuunvarsiiti Jimmaa eebbisiisa

Yuunvarsiitin Jimmaa boru bakka Ministeerri Muummee Dooktar Abiy Ahmad fi keessummoonni biroo argamanitti giddu gala Meedikaalaa eebbisiisa.

 

Giddu galli meedikaalaa eebbifamu sireewwan 800 kan qabu yoo ta’u, kutaa Kibba Lixaa biyyaatitti namoota miiliyoona 20 oliif tajaajila ni kenna jedhameera.

Giddu galichi biyyoota Ollaa kaneen akka Suudan Kibbaaf tajaajila kennuu haala danda’uun  ijaarrame.


Yuunvarsiitichi kadhimatoota Fayyaa 131 dabalatee eebbifamtoota digirii 2ffaa kuma 2 ol Ogummaa gara garaan barsiisa ture ni eebbisiisa.


Istaadiyeemiin namoota kuma 40 qabatu, bu’uuraalee misoomaa fi galmi Yuunvarsiitichi ijaarsise ni  eebbifamu jedhamee eeggama.

Galmi eebbifamuu galma walgahii teessoo kuma 4 fi 500 qabu, galma nyaataa namoota kuma 1 fi 500 qabatu fi galmoota wal gahii xixiqqaa lama kan qabu yoo ta’u Magaalaa Jimmaa  giddu gala konfaransii taasisuuf yaadamee kan ijaarrame ta’uun himameera jechuun FBCtu gabaase.

Facebook Comments

leave a reply