KiristiyaanooRoonaldoo fi Lionel Mesin baroota kurnan darbaniin dabaree dabareen badhaasa kana argatan yoo ta’u bara kana FIFAn taphataa cimaa jedhamee kan badhaafame lammiin Kirooshiyaa Luuka Modiriichmilka’ eera.
Luuka Modiriich Kiroshiyaa yeroo jalqabaaf waancaa addunyaa xumuraaf akka geessuuf qoodasaa ba’eera; Riyaal Madiriid yeroo 3 waliitti aansuun waancaa Chaamipiyoonsi Liigii akka argatuuf qoodasaa ba’eera.
Badhaasichi yeroo jalqabaatiif dargaggootaa fi taphattoota dubartoofillee kennameera.Badhaasni kun baroota 61’n darbaniif taphattoota dhiiraa qofaaf kennamaa turuunisaatiin qeeqamaa ture.