Shaampiyoonii Itiyoophiyaa Jimmaa Abbaa Jifaar

Tapha deebii gulaallii Shaampiyoonsii Liigii Afriikaatiin Kilaba Jibuutii AS Jibuutii Telecoom waliin Har'a taphatamuuf qophaa'uu dubbataniiru.

Kilabiin Jimmaa Abbaa Jifaar bara 2009  Waancaa Liigii Olaanaa argatee deeggartoota isaa gammachiiseeture 2010 baruma Liigichatti guddateen gahumsa addaa mul’isee Shaampiyoonii Itoophiyaa  ta’uu danda’eera.

Daangaan morkattummaa kilabichaa bara 2011tti ammoo morkii ardii Afriikaarratti ce’eera.

Jimmaa Abbaa Jifaar Jibuutiitti imalee Kilaba AS Jibuuti Telekoom goolii 3fi 1’n injifatee deebi’e.Tapha deebii har’a Istaadiyeemii Finfinneetti taphatama.

 

Facebook Comments